Haleellaan xiyyaaraa Israa’el Roobii har’a giddu galeessa Gaazaatti yoo xiqqaate namoota shan ajjeese jechuun ogeeyyiin fayyaa Falasxiin ibsanii jiru. Waraanni Israa’eel Roobii har’a akka jedheetti, qubattonni Israa’el magaalota Weest Baankii dhuunfatame keessatti magaalaalee hedduu erga haleelanii booda namoota hedduu to’annaa jala oolchuu isaa ibseera.
Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhetti hokkarri kun haleellaa qubattonni ganda Beit Furik irratti raawwatame kan dhagaa darbatanini poolisoota daangaa eegan lama madeessan kan dabalatudha. Erga Hamaas Onkoloolessa bara 2023 Israa’el irratti haleellaa raawwateen booda hokkarri qubsiistotaa West Baankii keessatti baay’achaa dhufeera. Humnoonni Israa’el ammoo qaama duula waraanni sochii hidhattootaa diiguuf kaayyeffate jedhe gandoota Weest Baankii irratti sakatta’iinsa hedduu raawwataniiru.
Humnoonni Israa’el Roobii har’a Libaanan gama kibbaa keessatti haleellaa qilleensa irraa haaraa kan gaggeessan yoo ta’u, Israa’elii fi gareen hidhattootaa Hizbullaah walii galtee dhukaasa dhaabuu erga jalqabanii torban tokko booda.
Walitti bu’iinsa daangaa qaxxaamuraa waggaa tokkoo akkasumas lola cimaa ji’ootaaf loltoonni Israa’el gara Libaanan gama kibbaa seenuun gaggeessan dabalatee lola dhaabiinsii haleellaa qilleensaa Israa’el itti fufee fi dhukaasa rookkeetii Hizbullaah balaadhaaf saaxilameera.
Akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu tolfamee jalatti gamnii lamaan naannoo daangaa irraa duubatti deebi’uu qabu. Loltoonni Libaanan fi nagaa eegdonni Tokkummaa Mootummootaa naannoo gam lameen gidduu eegu turan. Ministirri Fayyaa Libaanan Firaas Abiyaad har’a akka jedhanitti, waraanni Israa’el fi Hizbullaah giddutti ta’e yoo xiqqaate namoota 4,047 ajjeesee, 16,600 ol ammoo madeessee jira.
Forum