Dhaabbanni tola ooltummaan nyaata dhiyyeessu gidduu gala Alawaada Addunyaa Kibxata kana akka beeksiisetti hojjeetoota isaa kan ta’an namoonni torba lammiilee Awustiraaliyaa, Poolaand, Yuunaayitid Kiingidamii fi kan Lammummaa Yuunaayitid Isteetisii fi Kanaadaa qaban halleellaa humna qileessarraan Israa’eel fudhatteen ajjeeffamaniru. Hojjettoonni kunneen kan ajjeefaman nyaata gargaarsaa toonii 100 ol kan karaa galaanarraan gara Gaazaatti Wiixata kaleessaa mana kuusaa Deeyir Al- Balah seensifame raabsaaf osoo baasaa jiranii ta’uus dhaabbanni tola ooltummaa kun eeree hojjetoonni kunneen Konkolaataa Asxaa ykn mallattoo dhaabbata alawaada Addunyaa jedha lamaan nyaata fe’anii osoo deemanii bakka waraanni hin jirretti rukutamanis jedheera.
Reeffi hojjettoota gargaarsaa ajjeefamanii kun gara hospitaala gidduu gala Gaazaa magaalaa Deyiir Al-Balaahitti kan geeffame yommuu ta’u boodarras gara hospitaala kibba Magaalaa Raafaah kan daangaa Masirii irratti argamuutti geeffamuu gabasaan AAssooshiyeetid Pirees gabaaseera. Waraanni Israa’eel gama isaan taatee gaddisiisaa jedhee dhimma kanarrati gamaaggama gaggeessan jiras jedheera.
Forum