Xurree ittiin seenan

Haleellaan Naayjeeriyaa Kaabaa Lubbuu Hedduu Galaafate

  • VOA

Haleellaan of wareegaa har’a ganama masjiida Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa keessatti raawwate yoo xiqqaate lubbuu namoota 50 galaafatee jira.

Haleellaan sun kan raawwatame ennaa uummati kadhannaa ganamaaf masjiida magaalaa Mubi kan kutaa Adamawa keessatti wal ga’etti ture.

Halellaa sanaaf battala itti gaafataa kan fudhate hin jiru garuu haleellaan boombii sun kan kana dura of wareegdota garee Bookoo Haaraamiin raawwatamu waliin wal fakkaata.

Bookoo Haaraam lootee seentummaa waggoota saddeetiif mootummaa Naayjeeriyaa irratti oofaa turen Kaaba biyyattii irra jireessi musliima ta’e keessatti seera shariyaa gad dhaabuuf jecha lola geggeesseen lubbuu kuma 20 ol galaafatee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG