Xurree ittiin seenan

Breaking News

Halellaan Libiyaa Irratti Gaggeefamu Itti Fufee Jira


Humnootiin wal ta'an kan biyyoota gama dhiyaa Sanbata darbee jalqabee haleellaa Libiyaa irratti gaggeesaniin humnootii waraanaa prezidaant Moammar Gaadaafiif amanamoo ta'an fi biilsa bulchiinsaa kan mooraa jireenyaa prezidaantichaa keessa jiru rukutan.

Waraanni Yunaaytid Steetis akka jedhutti haleellaan misaa'eela Kruuz jedhamuu fi jeettii waraanaan gaggeefame caasaa humna ittisaa kan samii irraan gaggeefamu kan Libiyaa cabsee jira.

Amerikaan Briteenii fi Faransaay akkasumas wal taatoota ka biroo wajjin haleellaa kana gaggeessaa kan jiran yoo ta'u, kunis murtii Tokkummaan Mootummotaa Libiyaa irratti dabarse kan "Godina balaliin keessatti dhorkame" kabajsisuuf ta'uun ibsamee jira.Murtiin darbe kunis siviilota humnootii Prezidaant Gaadaafiif amanamoo ta'aniin midhaa irra ga'u ittisuuf akka ta'e ibsamee jira.

Angawonni Yunaaytiid steetis qiyyaafanni jiru prezidaant Gaadaafii irratti miti jedhu.Baqatonni Tripoolii keessaa haala attamii keessa jiru? MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG