Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamaas Wixinee Waliigaltee Kan Dhukaasa Dhaabuu Gaazaa fi Booji’amtoota Gad Dhiisuu  Fudhachuu Isaa Qondaalonni Dubbatan


Deeggartota namoota Hamaasiin iggitamanii hikaamuu isaanii gaafachuuf hirira bahan, Telaviiv Isra'el, Onk 7 2023
Deeggartota namoota Hamaasiin iggitamanii hikaamuu isaanii gaafachuuf hirira bahan, Telaviiv Isra'el, Onk 7 2023

Maanguddummaan kanneen gidduu jiran keessaa Qataar mariin kun hanga ammaatti waliigaltee mallatteessuutti ''haala dhiyoo'' ta’e irra jira jette.

Asoosheetid Prees waraabbii waliigaltee yaadame kanaa kan argate yoo ta’u, inni argatee kunis isa dhugaa ta’u isaa qondaalli Masrii fi qondaalli Hamaas dhugaa ta’u mirkaneessaniiru.

Qondaalli Israa’el tokko jijjiramnii ykn waan foyya’ee argameera garuu gad fageenyaan xumuramaa jira jedhan. Karoorri kun Caffee ykn Kaabinee Israa’eliitti dhiyaachuun raggaatii isa xumuraa argachuu qaba.

Qondaaltonni sadan marii balbala cufatee gaggeeffame kana ilaalchisee waan dubbataniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.

Yunaaytid Isteetis, Masrii fi Qataar waggaa darbe waraana ji’oota 15f ture xumuruuf gidduu seenuun namoota haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 raawwateen booji’aman kurnootaan lakkaa’aman akka gadhiifaman gochuuf yaaluun dabarsaniiru.

Lammiileen Israa’el gara 100 ta’an ammallee Gaazaa keessa booji’amanii kan jiran yoo ta’u, waraanni yoo xiqqaate harka sadii kan ta’an du’aniiru jedhee amanu.

Qondaaltonni akka jedhanti, ergamaan prezidaantiin filatamoo Yunaaytid Isteetis Doonaald Tiraamp, marii Giddugaleessaa kana irratti kan hirmaatan waan ta’eef, Amajjii 20 hirbuu seenuu Tiraamp dura waliigaltee xumuruu akka danda’an abdii guddaa qaban ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG