Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamaas Lammiwwan Ameerikaa 14 Ajjeese, Jedhan Prezidaant Baayiden


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Waashingitan, Onkoloolessa 10, 2023.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Waashingitan, Onkoloolessa 10, 2023.

Hamaas haleellaa gidduu kana Isiraa’el irratti geggeesseen siiviloota yokaan namoota hin hidhatiin ajjeesaman dhibboota keessaa kudha afur lammiwwan Ameerikaa tahuu prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden beeksisan. Prezidaantichi Kibxata harr’aa waaree booda masaraa mootummaa isaanii Waayit Haawus irraa haasawa taasisaniin, haleellaa “ haleellaa rifaasisaa bifa hedduu fi xiyyeeffannaa hedduu qabu,” geggessame jedhan sana “gochaa seexanummaa” jechuun waaman.

Deggersa Isiraa’eliif cicha qaban haasawa isaaniin kanaan kan ibsan Prezidaant Baayiden, “akkuma gochaa turre, Isiraa’el har’allee of irraa ittisti,” jedhan.

Isiraa’el haleellaa dugdee Gaazaa irratti geggeessiteen lammiwwan Falasxiin dhibbootaan lakkaawaman ajjeesamuu isaanii maddi oduu Asooshisgeetid Prees gabaasee jira. Haleellaan Isiraa’el geggeessitu kan itti fufee jiru yoo tahu, lakkoobsi namoota haleellaa kanaan du’anii dabaluu akka malu kan eere maddi oduu kun, Falasxiinonni gara dahata mootummoota Gamtoomaniitti ka dheessaa jiran tahuu himee jira.

Prezidaant Baayidenii fi Itti-aantuun isaanii Kaamaalaa Haaris har’a gara waareetti Muummicha-ministaraa Isiraa’el Beenjaamiin Netaanyaahuu waliin haala jirru irratti dubbachuun isaanii gabaasamee jira. Isiraa’eliin deggeruudhaaf mootummaan isaanii fi wahiloonni isaanii biroon tarkaanfii fudhataa jiran ka ibsan Baayiden, gochaaleen dararaa Hamaas siiviloota irratti raaw’ataa jiru ka qalbii nama madeessan akka tahe dubbatan.

Forum

XS
SM
MD
LG