Hanqinni boba'aa hamaan magaalaa Maqalee torban hedduudhaaf turuun isaa ni yaadatama. Odu gabaasaan VOA Alem Fissehaa akka gabaasetti buufata boba'aa alatti toorri dheeraan uumamee konkolaachiftoonni hedduun sa'aatii dheeraaf tora irra dhaabbatanii eeggatu.
Hanqinni kun hanqina geejjibaa duruu magaalattiin qabdu irratti dabaluu isaa Waajjirri Geejjibaa magaalichaa beeksiseera. Bulchiinsi magaalaa Maqalee hanqinni jiraachuu isaa amanee, namoota hojii daldalaa seeraan alaa irratti hirmaatan to’achuuf yaalaa jiraachuu ibseera.
Forum