Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaa ollaa Qorkeetti ijoollee ibsee ollaa isaaniitti galchan tolaan hujii gargaarutti jirtu ibiddii elektirikii gubee nama 15 fixe


Oromia map
Oromia map

Harargee Bahaa ganda Qorkeetti ijoollee hojjatoota elektiri galchan tolaan adoo gargaaranii ibiddii haada elktirii gubee nama 15 fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:12 0:00

Ollaan ijoolleen kahimaa keessatti dhumatte, araddaan Qorkee aanaa Har-Maayaa irraa km 5 fagaata. Ijoolleen tun ibsee ollaa keessatti galchaniif utubaa dhaabuuf warra hujii tana gargaarsa gaafate tolaan hujii tana gargaaruuf ganda jaha keessaa yaamani dhufan.

Akka maatiin ijoollee jedhanitti warri hujii sun kontoraataan humna ibsee waliin hojjachiisu Dirree Dhawaatii dhufe.

Jarii duraan hujii sun kontoraataan hojjatu hujiin sun balaa qabdi jedhee bira yaahee jedhan maatiin ijoollee.

Maatii tana keessaa hagii tokko hujiin tun maashina malee waan namii harkaan hojjachuu dandahuu miti jedha.

Jarii ibsee hojjatu kun akka maatiin jedhanitti ijoollee tanaan haadii ibidda hin qabuu jedhanii adoo womaallee hin gorsin,balaa innii qabullee itti hin himin hujiitti gadi dhiise jedhan.

Obboo Abdallaan nama ijoollee isaa nama sadi waliin hujii tana tolaan warra hujii sun hojjatu gargaaruuf dhufe.

Ilma isaa kutaa sagal baratu achitti lubbuu dhabe,isaafi ilmii isaa ka dhibiin ammoo hin mammadaahan.

“Ofii haada harkaan hin qabanne,nuun ibdaan dhaameera hojjadhaa jedhanii nu hojjachiisan erga namni dhumes waa takka nu hin gargaarre.Shifeeriidhaan wajjiin makiinaa fudhatanii kutan,” jedha.

Jarii hujii tanaaf dhufe nama sagal.

Obbo Mohaammad Yuusuf bulchaa ganda Qorkeeti. Akka innii jedhutti ijoolleen dhumatan ibsee ollaa isaaniitti galchanitti gammadanii wal yaamanii gargaarsaaf dhufan.

Ijoolleen tun nama ganna 15 fa. Warra dhumate kana kalee awwaalan. Waan dhumaatii ijoollee tanaa akka obbo Mohaammad jedhetti qorachuutti jiran

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG