Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hargeessaa Keessatti Lafii Gabaa Beekamaan Gubachuun Gabaafamee Jira


Balaa abidaa gabaa Waheen, Somaaliyaa
Balaa abidaa gabaa Waheen, Somaaliyaa

Somaaliyaa gama kaabaa Sambata darbee halkan balaa abiddaa hamaa dhaqqabeen yoo xiqqaatee namnii 28 madaa’ee daldala dhibba hedduu mancaasuu isaa, aangawoonni magaalattii fi namoonni ijaan arginine jedhan dubbatanii jiru.

Kanneen ijaan arginine jedhan, ibiddi kun cjedhamuutii bakka manneen kusaa mi’a gurguurtaa keessa ka’ani mofaa ta’an keessaa ka’e sana booda waan naannotti argaman mara barbadeesse jedhu.

Prezidaantiin Somaaliilaand Muse Bihi lafa gabaa sana daawwatanii dubartoota 9 dabalatee namnii 28 madaa’uu, garu namnii du’e akka hin jirre ibsan.

Angawoonni gama isaaniin, kanneen mada’an kana keessaa irra hedduun daldaltoota meeshalee ofii olchuuf yaalii gochaa turan ta’u ibsan.

Kantibaan magaala Hargeessaa Abdulkarim Ahmed Moge lafa gabaa gubatee eega daawwatanii booda akka jedhanti, daandii lfa gabaa sana cina jiru dhiiphachuu fi daldaltoonni dhibba hedduun achitti duuduun battalumatti dhaamsuuf yaalii ta’e danqee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG