Manni marii jaarmayoota sivilii kan Itiyoophiyaa Heerrii mootummaa fi caasaan sirna Feedeeraalaa kan keessatti argaman ajandaalee 11 mariif akka dhiyaatan gaafachuu isaa beeksisee jira.
Manni maree kun komiishiina marii guutuu biyyaaf ajandaalee gurmeessee guyyaa lama dura dhiyeesse keessa dhimmootiin aadaa siyaasa biyyatt, ijaarsa nagaa waara, itti fayyadama lafaa fi qooddaa qabeenyaa fi aangoo keessatti kan argaman ta’u gorsaa mana maree kan ta’an Dr Mogas Damissee sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Komiishiina marii biyyattiif ajandaalee dhiyaatan ilaalchisee sagalee Amerikaaf yaada isaanii kan kennan walitti qabaan mana maree walii kan paartilee siyaasa Itiyoophiyaa Obbo Dastaa Dinqaa ajandaan heera biyyatti foyyeessuu jedhu paartilee siyaasaa harka caalaan dhimmi ka’aa jiru jedhan.
Manni maree kun ajandaalee namoota marii gaggeessan irraa dhiyaatanii jedhe dhimmi biraan, biyyatti keessatti mul’ataa kan jiru aadaa siyaasaa abbaa irrummaan gad qabaa ta’e jiru ta’u Dr Mogas ibsanii ajandaan biraas dhimmoota Qaamoota haawaasaa saaxilamoo ta’anii akka ta’e ibsan. Dheengadda Finfinnee keessatti haasawa imaammataa kan dhageesiisan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Ervin Maasiingaa rakkoo jiru furuuf kanneen siyaasa keessaa harka qaban martii sirna marii guutuu biyyaa kanaan akka fayyadaman waamicha dhiyeessuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee gabaasee jira
Forum