Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Booranaa ijoollee magaalaa Hiddi-Lolaa keessatti hidhan haga tokko ganamuma tokko mana hidhaatii ‘dhaban’


Oromia map
Oromia map
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:02 0:00

Hiddii-lolaa magaalaa godina Booranaa aanaa Miyoo keessa jirtu. Moyyaleen walti dhiyaattii gara daarii Keenyaa gula jirti.

Akka jarii achii dubbifne jedhutti Hiddii-Lolaatii fi Mooyyalee nama hedduu hidhan. Ijoollee mana hidhaa Hidditti hidhan keessaa nama lama Galgaloo Jilootii fi Milkii Tulluu guyyaa sadiin duratti mana hidhaatii dhaban.

Maatiilleen ijoollee isaanii eessa akka geessan poolisii gaafate nama akka dansaa diidessee itti himu dhaban jedhan.

Hiddii keessaa fulaa hedduutti namii hidhanii nama hidhan gargariiyyuu hin akka jarii achii dubbifne jedhutti.

Akka bulchaan aanaa Miyoo obboo Jemberuu Aberraa jedhutti ammoo aanaa isaanii amma dhiisii gaafa akka jecha isaatti hiriira jeequmsaa kaaniiyyuu namii hidhame hin jiru.

Namii yakka gara garaatii hidhame jiraachuu dandahaa taatullee namii waayee nagaatiin walqabate hidhame hin jiru akka jecha bulchaa aanaa Miyootti.

Jiraattotii ammoo aanaa magaalaa Hiddii-Lolaatii fi gama Mooyyalee keessallee namii waan hidhaniifillee hin beekamne hedduutti hidhamee haga tokko ya Nageellee Booranaalleetti dabarsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG