Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Kristaanoota Hidhamaniif Guyyaa Kudhan Maatii Keessan Waliin Turaa Jechuun Ehamte


FILE - Iraan kiristaanonni hidhaa jiran maatii waliin ayyaana dhaloota Yesuus maatii waliin akka kabajan eeyamterii jirti.
FILE - Iraan kiristaanonni hidhaa jiran maatii waliin ayyaana dhaloota Yesuus maatii waliin akka kabajan eeyamterii jirti.

Hidhamtoota Kristaana ta’an ayyaanaaf maatii isaanii waliin akka turaniif hogganaan mana murtii Iraan Dilbata kaleessaa guuyyaa 10 murteessee jira. Kunis abbaa alangaa mummicha kan Iraan biraa ajaja guutummaa biyyattiif kenname yoo ta’u, ayyaan waggaa haaraa kan 2022 simachuuf akkasumas, guyyaa dhaloota gooftaa yesuus fi Cuphaa Amajjii 6 kabajamuuf ta’uu marsariitii Mizan jedhamu irratti barreefamee jira.

Hidhamtoonni sababaa Nageenyaa, yakka qindaa’uun gaggeeffame, butiinsa, saamiinsa hidhatanii gaggeeffameen hidhaa keessa jiran akkasumas, kanneen duutii irratti muramee dhimmi kun hin ilaallatu jedhe jira marsariitiin kun.

Sabaa himaan naannoo akka jedhanti, uummata Iraan Miliyoona 83 kanneen irra hedduun isaanii musleemoota shiyaa yoo ta’an, kristaanonni harka 1 qofa jechuun gabaasan.

Karistaanonni Iraan keessa jiran harka caalaan, lammiwwan Aremeeniyaa kanneen Amajjii 6 ayyaana Gannii fi cuphaa kabaju.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG