Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhatoonni Suudan Kibbaa  Irraa Gambeellaa Seenanii Nama 200 Ol Ajjeesan  

Faayilii - Dubartoota gosa Murlee meeshaa waraanaa moofaa jala ta'an, 2013
Faayilii - Dubartoota gosa Murlee meeshaa waraanaa moofaa jala ta'an, 2013

Hidhattoonni gosa Murlee, torban darbe keessa, Sudaan Kibbaa irraa gara daangaa Itoophiyaa seenani namoota baayyee ajjeesuu isaanii fi ijoollee 100 ol fudhatani gara Sudaan Kibbaa deeb'uu mootumman Itoophiyaa beeksise.

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti hidhattoonni gosa Murlee jimaata darbe Suudan Kibaatii gara daangaa Itoophiyaa cehanii, naannoo Gaambeellatti haleelaa geechisaniin bayyinni namoota du'e 208 gaheera. Kana kesssa bayyeen isaanii ijoolleedha fi dubartoota.

Faayilii - Waligaltee nageenyaa mallateesuu booda Pireezdaantiin Keenyaa Uhuruu Keenyaata fi Mummichi Ministiraa Itoophiyaa Haylamaariyam Dasaalany oggaa gamachuu isani pireezdaantii Suudan Kibbaa, Saalvaa Kiiri ibsan, 2015

Mummichi Ministira Itoophiyaa Obboo Haylamaariyam Dasaalany Dilbata galgala Televisiinii Itoophiyaa irratti gadda itti dhagahamee ibsanii, gochi akkana kana duraas ta'ee beekuu isaa dubbatn. Obbo Haylamaariyam dabalanis humni waraana Itoophiyaa ijoollee hidhatoota Murleetin fudhataman bararuudha waan danda'u hunda gocha jira jedhan.

Dubbii himaan Suudaan Kibbaa Maaykiil Maakuwee garuu dhimma kanarratti odeeffannoo gahaa waan hin qabneef homa jechuu akka hin dandeenye VOA, qophii addaa Suudaan Kibbaatti himaniru.

Itti gaafatamaan Dhimma kominikeeshinii Itoophiyaa obbo Getaachoo Raddaa gama isaatin ,humnni waraana Itoophiya hidhatoota kana keessa gara 60 ajjeesuu isaa Asooshiyeetid Piresitti (Associated press) himanii, humni waraana Itoophiyaa gara daangaa Sudaan Kibbaa cehee jara kana qabuudha tattaaffii itti fufuu danda'as jedhan.

Baqattoonii Suudan Kibaa 284,000 Itoophiyaa naannoo Gambeellaa keessatti dahoo argaatanii jirachaa jiran.

Hidhatoonni Suudan Kibbaa  Irraa Gambeellaa Seenanii Nama 200 Ol Ajjeesan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:39 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG