Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattonni Waldaa Kristaanaa Keessatti Haleellaa Rawwatan 


Waldaa Kiristaanaa Seenti Fransis haleellan keessatti raawwatame. Waxabajjii 6, 2022, Naayjeriyaa

Naayjeeriyaa keessa kan jiru waldaa kristaanaa kaatolikii tokko keessatti Dilbata kaleessaa haleellaa gaggeeffameen amantoonni hedduun du’u maluu sodaa jedhu kan qaban ta’u aangawoonni ibsanii jiru.

Kanneen haleellaa kana gaggeessani waldaa Kristaanaa Kaatolikii seeyint Fraansis jedhamu fi kutaa Ondoo keessa jiru irratti qiyyafachuun Dilbata guyyaa peeenxee qoostee ykn afuurri ququlluun itti bu’e jedhamuu kabajaa ituu jiranii, hidhattonni dhukaasa banuun dhukaatootas darbatan. Kanneen ajjeefaman keessaa ijoollee hedduun akka jiran ibsamee jira.

Bishoopiin konyaa waldaa kaatolikii Ondoo keessa jirtuu Jude Aro-gun-dade akka jedhanti, nama hundumaa waldaa keessatti ajjeesuuf karoorfatanii iddoo kana dhufuun waan amanuuf nama rakkisuu dha.Kanneen gara alaatti baqatanis alaa itti dhukaafamee kanneen waldaa keessa jiranis akkasuma itti dhukaafamee jira.Lafa irbaanni qulqulluun itti kennamuu fi qulqulla’aa dha jedhamuutti Dhukaatoota darbatan.Kan badii akkasii geesisuu seexana qofa.

Angawoonni waldaa Kristaanaa akka jedhanti, namoonni mada’an hedduun isaanii hospitaala kan seenan yoo ta’u lubbuuf wixxifachaa jiran.Ogeessa fayyaa kan ta’an

Dhiiga isaaniif kennamuu barbaanna, namoonni nannoo hospitaalaa jiran maaloo hanga danda’amee hedduminaan kottaati nu dhiiga kennuun nu gargaaraa jedhan.

Abuniin kaatoliika Romaa Poop Fraansiis namoota midhamaniif akkasumas biyyattiif kadhataa akka jiran vaatikaan kan beeksiifte yoo ta’u, waaqayyo hundumaaf jajjabiina isaa akka erguuf nan kadhadha jehuun isaanii ibsamee jira.

Haleellaa kana duuba eenyu akka jiru battalumattikan hin baramne yoo ta’u, Naayjeriyaan harka caalaan sodaa nageenyaa keessa akkuuma jirtu, Ondoon biyyatti keessatti kutaa naga qabeessa ta’uun beekamti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG