Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonii Naajeriyaa Namoottan Ajeesaa Jiru


Nigeria
Nigeria

Kaaba-lixa biyya Naajeriyaa kutaa biyya Kaadunaa keessatti dhukaasaa hidhattoonni taasisaniin namoonni 34 du’uun isaanii gabasameera.

warreen ajjeechaa sana raawwatan garee yakkaa-hojjatootaa meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan akka ta’an Hanga’oonni nannichaa yemuu ibsan, komishinerii dhimma nageenyaa kutaa biyyaa Kaaduunaa kan ta’an Saamu’eel Aruuwaan midiyaa hawaasaa irratti akka Ibsanitti balaa kanaan gandoottan Afur keessatii kan argaman Manneen 200 ol gubataniiru.

Ajjeechaan kun kan raawwatame Dilbata dheengadaa yemuu ta’uu guyyaadhumaa sana, kutaa biyyaa kan biroo Zaamfaaraa jedhamuu keessatiis tarkaanfii hidhattoonni fudhataniin namoonni 16 du’un isaanii gabasameera.

Torban tokkon duras walakkeessa fi kaaba-lixaa Naajeriyaa keessatti hidhattoonii Poolisootaa 7 dabalatee Umnoottan nageenyaa 11 ajjeesuun isaan beekameera.

Gareen Mootummaan Naajeriyaa Amajjii darbe keesaa > jedhee labse kun bakka bosonaa kutaalee biyyichaa Zaamfaaraa,Kaatsinaa,kaaduunaa fi Niger keessaa maandhefachuudhaan akka haleellaa raawwachaa jiran haanga’oonii mootumma Naajeriyaa ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG