Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhi Laga Abbayyaa Bishaaniin Guutamuu Masrii fi Sudaan Morman


Faayilii - Laga Abbayaa Masrii magaala Kaayiroo keessa
Faayilii - Laga Abbayaa Masrii magaala Kaayiroo keessa

Masrii fi Sudaan Itiyoopiyaan walii galteeirra utuu hin ga’amin kan falmisiisaa ta’e hidha laga Abbayyaa marsaa lammataaf bishaan itti guutuuf ka jirtu ta’uu beeksisuu ishee fudhatama dhabsiisanii jiran. Kunis golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa kamisa borii wal ga’ii isaa jalqabuu dura muddama jiru hammeessa jedhamee jira.

Masriin Wixata galgala Itiyoopiyaan hidha sana marsaa lammataaf akka guuttu itti himuu ishee labsiteejirti. Kibxata immoo Sudaan ergaan wal fakkaatu ishee ga’uu beeksist

Garuu Itiyoopiyaan qabeenya bishaan isaanii ilaalchisee soda kan qaban Masrii fi Sudaan waliin yeroo dheeraaf wal falmisiisaa kan ture hidha laga Abbayyaa bishaan guutuu sirnaan hin mirkaneessine. Angawoonni Itiyoopiyaa maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan hojiin isaa baatii Adoolessa fi Hagayyaa keessa akka itti fufu kan dubbatan yoo ta’u, keessumaa yeroo gannaa roobi jiru bishaanni guutuun adeemsa uumamaa ti jedhan.

Itiyoopiyaan ganna bara 2020 hidha sana bishaan itti guutuuf sochii ennaa gootu, marsaan lammataa walii galtee irra ga’amus hafus Adoolessa bara 2021 keessa kan itti fufu ta’uu labsitee jirti. Hidhi sun fedhii human ibsaa uummata ishee miliyoona 110 guutuuf akkaan barbaachisaa akka ta’e beeksistee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG