Imaltuu ministera haajaa alaa Amerikaa Hilary Clinoton Itoophiyaatti qajeelchite bulchoota Afrikaatiin wal mariachuu fi akka egerii waliin hojjachuu dandahan irratti faluu. Wannii galma Walgahii biyya Tokkummaa Afrikaa irratti jedhanilleen tanuma.
Imaltuun Hilary ibidda Volkaanoo ka Eertiraa keessaa tokkaheen gabaabattullee ergaan jabduun kora waldaa biyya Tokkummaa Afrikaa irratti jedhamuu malte hin hafne.
Biyyootii Afrikaa ta gammoojjii Sahaaraa gadi jiran haga guddaatti namii bulchiinsa paartilee hedduutiin bulutullee ammallee biyya haga tokkotti namii bulchiinsa abbootii irraa jala jira.Bulchootii hagii tokko qabeenna jiru ufumaan dhunfachaa…kaan ammoo taahee beelaha,tun diimookiraasii hin taatu.”
Akka jecha Hilary Clinton-tti bulchootii hagii tokko demokiraasii filannoo marro tokko qofa sehan.Namii biyya Afrikaa gama Kaabaatii fi biyyu Jiddu-Gala Bahaa bulchoota isaaniitti dheekkamee hujii irraa guffachuun, akka minstera tanaatti yaaddoo wal irratti tuulamte.
“Biyya tokko beelahee jiraachuuf warraaqatutti tokko qabeenna biyya tuulatee biyya beelsessuulleen dimookiraasi hin taatu.”
Waan akkanaa hambisuuf demokiraasiin seera qabduu fi bulchiinsii dansaan jiraahcuu male.
Oduu Meleskaachoo Ammahaa irraa arganne MP3 irraa caqasaa.