Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiilarii Kiliinten Gargaarsi Kennamu Rakkoo Fuula Duraa Ittisuu Qaba Jedhan


Biyyootii gaanfa Afriikaa kan hongee hamaan dha’ame garaaruuf jecha Yunaayitid States gargaarsa itti dabalaa miliyoona 17 gumaachitee jirti. sunis somalia bakka uummanni kuma kunaan laka’amuu fi beelaa fi dhukkubaan dhumeef kan oolu doolaara miliyoona 12 dabalata.

Ministrittiin dantaa alaa US Hillary Kiliinten kaleessa as Washington keessatti haasaa dhageessisanniin beela kanaaf deebii kennuun rakkoo yeroo ammaa mul’ataa jiru irra dabuu qaba. Yeroo beelli kun lammata deebi’ee akka hin mudanne gochuu.

Uummata Miliyoona lamaa ol ta’antu bakka hongeen dha’e Somalia irraa qe’ee ofii dhiisanii gara Moraa Moqadishoo cina jirutti baqatan.

Beeladaaleen dhumuun, midhaan qotame maasii irratti goguu fi beelli seenaa gaanfa Afriikaa keessattti bal’inaan kan argamaa turee dha jedhan Hillary Kiliinton kurna laka’atee kan deddeebi’u beela kanatti duuluuf harka keenya hiixachuun murteessaa dha jedhaniiru.

Yunited States biyyootii qonnaan bultoota isaanii gargaaran cina dhaabbachuuf cicha qabdi. Arjoomtonnis akkasuma akka godhan Kiliinten waamicha dabarsanii kun ta’uu baannaan garuu gaanfa Afriikaa keessatti rakkoo ka birootu addunyaa eeggachuu mala jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG