Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hindiitti Guyyaa Tokkootti Namoonni 4,529 Sababa Vaayrassii Koronaatin Du’un Gabaafame


Hindiin addunyaa irraa guyyaa tokkitiitti sababaa COVID-19n nama baa’eyeen duraa du’uu beeksistee jirti.

Ministriin eegumsa fayyaa roobii har’aa akka beeksisetti sa’aatilee 24n darban keessa namoonni 4,529 sababaa weerara kanaan dumaniiru.

Walumaa gala Hindii keessaa namoonni 283,248 kornonaa dhaan yoo dhuman, kanneen miliyoona 25.4 ta’an immoo vaayiresii kanaan qabamaniiru. Kan namoonni 587,219 vaayiresichaan duraa du’an Yunaayitid Isteetitti aansuu dhaan biyya lammataa taatee jirti.

Daariqi haaraa ka’e kun biyya baay’ina uummataan addunyaa irraa lammata irra jirtu kana keessatti balaa namoomaa hamaa kan dhaqqabsiise yoo ta’u, hospitaalonni dandeettii dhukkubsataa simachuu danda’aniin ol itti ta’ee, kanneen dhibaman yaaluuf illee hanqinni oxygen akkaan kan ishee mudate ta’uun beekamee jira.

Gama biraan Tookiyoon dorgommii Olompikii baranaa sababaa weerarri kun hammaataa adeemeef akka hambistu dhiibbaan irra kaa’ame dabalaa dhufee jira. koree Olompikii addunyaaf prezidaantii kan ta’an Toomaas Baach, magaalaa galma mootummaa Jaappaan irraa akka dubbatanitti, dorgommii Olompikii fi dorgommiiwwan isa cina geggeessaman irratti kanneen hirmaataniif haalli isaa amansiisaa dha jedhan.

Baach akka jedhanitti jiraattonni ganda Olompikii keessaa dhibba irraa harki 80mni talaallii COVID-19 kan fudhatan yoo ta’u, ogeessonni eegumsa fayyaa koreewwan olompikii biyyoolessaa adda addaa irraas ennaa dorgommii sanaa gargaarsa gochuuf qophee dha jedhan.

XS
SM
MD
LG