Akka boordiin filannoo Itoophiyaa jettetti ummatii Sidaamaa naannoo mataa ufii qabaachuu ykn ammo naannuma kibbaa jala jiraachuuf murteeffachuuf bahee galmaahe.
Nagumaan bahanii galmaahanillee jedha itti aanaa bulchaa magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Beyyenee.
"Abbaa referendemii tanatti daramuu fedhu cuftii duula filannoo fi filannoon duuballeetti qooda keessaa qabachuu dandahuu waan hedduu miyeessaniif.”
Murtii ufiin murteeffachuu tanaaf jedhanii hujiin mootummaan miidhamte hin jirtuu isumaa haga duriillee caala lafii misoomatti jirtii namii murtii kennuuf galmaahuu dhowwatanilleen hin jiru jedha.
Gama kaaniin ammoi Hawaasaan akka itti aanaan bulchaan kun jedhetti nagaa ufiitti deebi’uutti jirti.
Bulchoota biyya nagaa dhowwanii wanjala hojjachuun shakkan jedhanii shakkan 129 keessaa 117 qaaqqaban.