Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromootii biyya ala jiran Jermenii, Faransaay, Washingiton,DC, Osloo,Minisootaa fi magaalota adda addaatti hiriira mormii bahan


Hiriira Washingiton,DC-tti bahan,Bitootessa 11,2016
Hiriira Washingiton,DC-tti bahan,Bitootessa 11,2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:42 0:00
Xurree marsariitii

Hiriira hardhaatti Oromootii godina Amerikaa gara garaatii dhufan bulchiinsa mootummaa USA,White House, duratti hiriira mormiitiif walti dhufanii achumaan Minsitiri Haajaa Alaa Amerikaa, State Department dhaqanii rakkoolee Oromiyaa keessa jirtu jedhan bulchoota mootummaa kanaatti himatan.

Hiriira Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa
Hiriira Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa

​Rakkoolee himatan keessaa; Oromoo hidhuun, ijjeesuun,lafa isaa saamuun haa dhaabbatuu, waraanii Itoophiyaa manneen baranoota Oromiyaa keessaa haa bahuu, Oromiyaan ta Oromootii fi waan hedduu.

Warrii hiriira bahe kun Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa gahee bulchiinsa mootummaa Amerikaatti xalayaa kennate.

Hiriira mormii Oromoo
Hiriira mormii Oromoo

​Gama kaaniin hiriirii kun godinoota Amerika ka akka Seattle,Minnisoota fi godina gara garaalleetti ya bahan.

Hiriirumti wal fakkaatan Jermanii magalaa Berlin keessatti geggeessamee jira.Hiriira har’a ganama Berlin keessaa kun Ministrii Haajaa Alaa fi Paarlaamaa Jarmanii, embaasilee Ameerikaa fi Faransaay kan Berliin keessaa akkasumas paarlaamaa Awrooppaatti xalayaa iyyannaa isaanii galfataniiru.

Noorweey,Osloo keessatti Oromoon biirolee bulchiinsa mootummaa biyya sunii duratti hiriira mormii bahanii rakkoo Oromiyaa keessa jirtu jedhan himatan.

Oromoon Awustiraaliyaa jiranillee kalee hiriira mormii bahanii rakkoo Oromiyaa keessa jirtu jedhan himatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG