Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Kuubaa Keessatti Geggeessame Deggersa Sadarkaa Addunyaa Argate


Mormii Kuubaa keessaa
Mormii Kuubaa keessaa

Hoogganoonni naannoo addunyaa dilbata darbe odolattii keessatti hiriirri mormii erga geggeessamee booda uummata Kuubaaf deggersa qaban ibsaa jiran. Ministriin dhimmi alaa Awrooppaa Joseep Boreel minisiroota gamtaa Awrooppaa waliin erga wal arganii booda wixta kaleessaa Biraasels keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin, mootummaan Kuubaa komee uummataa akka dhaggeeffatu waamicha dabarsaniiru.

Amnestii Internaashinaalitti daayirikteera Amerikaa kan ta’an Eriikaa Guyeevara-Rosas hiriirri mormii dilbata darbee Kuubaa dhaaf seena qabeessa jedhanii, interneetiin adda cituu isaa, namoota walitti qabanii hidhuu, poolisiin mormitoota irratti dhukaasuu dabalatee humna hammaa ba’aa gargaaramuu akkasumas namoonni hedduun achi buuteen dhabamuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

Guevara-Rosas Prezidaant Migu’eel Diaaz kanel fi mootummaan isaanii rakkoo dinagdee, kan midhaanii fi hanqina dawaa, kufaatii caasaa eegumsa fayyaa tilmaama keessa galchuu dhaan gaaffii rakkoo hawaasummaa lammiiwwan isaaf furmaata akka kennu gaafataniiru.

Yunaayitid Isteetis keessaas kantiibaan Mayaamii Filooridaa bulchiinsi Baayiden lammiiwwan Kuubaa kanneen mootummaa koministii jalatti bara dheeraaf dararaman deggruuf tattaaffii sadarkaa addunhyaa adda durummaan akka hoogganu gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG