Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirtonni Raashaa Morman


FAAYILII - Namoota alaabaa Yukireen qabanii hiriira bahan, Serbiyaa, Bitootessa 6, 2022
FAAYILII - Namoota alaabaa Yukireen qabanii hiriira bahan, Serbiyaa, Bitootessa 6, 2022

Yemuu wal gahiin biyyottan miseensaa NATO fi biyyootan garee G-7 magaala Braasels keessatti taasifamuuf jiru kanatti gareewan Raashaa irratii Mormii qaban sagalee isaanii Dhageessisaniru.

Kaleessaa jalqabee fuullee gamoo komishineerii Awurooppaa fi Mana maree Awurooppaa, bakka walgahiin Hoggantootaa biyoottan Awurooppaa fi Prezidaantiin Yunaayitid isteets itti taasisanti mormiin taasifamaa ture kan xiyyeeffate wa’ee boba’aa biyyoottan Awurooppaa Raashaa irraa bitan akka ta’e gabaasameera.

Sirana mormii kana ilaachisee daarekteeraa qindeessaa mormichaa "sochii Avaaz" jedhamee waamamuu kan ta’an Paaskaal Vollenweider ibsa kennanii akkananiin

"Hoggantootaa Awurooppaatiif ergaa ifaa ta’ee dabarsuudhaaf Galagala kana as Andhuuraa Awurooppaatti kan argamane. Zayiitii Putiin dhaabaa. Guyyaa guyyaatti Yuuroo Miiliyoonaa 250 saanduuqa waraanaa putiiniti ergaa jirra. Namoonnii magaala Maari’upool fi bakkeewwan birootii waraana keessatii qabamanii jiru. Yeroon harfachaa jiraa. Hoggantoonii Awurooppaa torban kana , Amma akka tarkaanfii fudhatan barbaanna,"

jedhaniiru.

Qindeesaan mormii kanaa dabaluudhaan , maalaqinni gara Raashaatti dhaqqa jiru akka dhaabbatuuf qoqqobiin akka jabaachaa deemu gaafachuun isaanii gabaasameera. Yemuu hoggantoonii biyyoottan Awurooppaa walgaahii taasisan kanatti mormiin baldhaan biroo jiraachuuf dhiisuu isaa irratti wantii beekamee amma ammaatti hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG