Muummichi ministeeraa Bahaamas Hubert Minnis erga hobomboleettiin Dooriyaan jedhamtu odolaawwan biyyootii Kaariibiyaan dha’ee booda hojii baraatsaaf tattaaffii barbaachisu mara kan godhan ta’uu dubbatan.
Ummanni odola Graand Bahaamaa fi Abaakoo guyyoota lamaaf erga roobii fi bubbeen naannoo sana dha’ee booda gara qe’ee isaanitti ennaa deebi’an haalli mul’atu gaarii miti. Minnis kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaniin odola Abaakoo keessaa lakkoobsi namoota du’anii 20 kan ga’u yoo ta’u lakkoobsi kun dabalaa deemuu mala jedhu angawoonni.
Prezidaant Doonaald Traamp waardiyaalee andaara galaanaa tattaaffii baraarsaa deggeruuf erganii jiran.Humni galaanaa Briteen, waldaan fannoo diimaa fi tokkummaan mootummootaa midhaan nyaataa, dawaa fi gargaarsa barbaachisu ka biroo hatattamaan gamasitti ergaa jiran.