Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hobomboleettiin Kutaalee Ameerikaa Mudate Balaa Lolaa Dhaqqabsiisuu Mala: Angawoota


Sababaa hobomboleettii hamaa Florence jedhamuun US kutaa kibba gama bahaa keessatti roobi yandoon har’a robe balaa lolaa hamaa duruu namoota 17 galaafate ilaalchisee yaaddoo uumee jira.

Waaltaan dhimma bubbee qoratu kan biyyoolessaa akka jedhetti hobomboleettiin kun yeroo ammaa sa’aatiitti km 35 qofaa fiigaa kan jiru yoo ta’u angawoonni garuu lolaan kanaan uumamu bishaan ittisa isaanii cabsanii akka ba’an, akkasumas fottoquu lafaaf sababaa ta’a jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiran.

Waaltaan tajaajila haala qilleensaa roobi yandoon guyyoota walitti aanan dhufan keessa ka roobu ta’uu dursuun tilmaamee jira.

Gama biraan dhaabbati tajaajila haala qilleensaa naannolee gaarreen Nort Carolina gama dhiyaa fi VA kibba gama dhiyaa keessatti balaan dachii fottoquu kan uumame yoo ta’u balaa lolaa hamaan lubbuuf sodaachisu North Carolina fi South Carolaina hanga tokko mudachuu mala jedhameera. Kanneen North Carolina keessa jiraatan lolaa akka tasaa uumamu ilaalchisee of eeggannoo akka godhatan bulchaan kuaa Sanaa Roy Cooper akeekkachiisaniiru. Yoo naannoo dhiisanii ba’uun irra jiraate bakka amansiisaa ta’etti socho’uuf qopheen godhamuun akka irra jiraatu illee ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG