Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaa Duula Nafiladhaa Traamp Ka Turan, Pawul 'Mootummaa Yunaayitid Iseets Irratti Shiran' Jechuun Himannaan Irratti Dhihaatee


Bara dabre keessa, yeroo gabaabaadhaaf dura-taa’aa duula filannoo Traamp tahanii ka turan – Pool Manapoort, akka qaama deggers, nama siyaasaa Yukireen cimaa duraanii – Viktoor Yaanukoovichitti, “seeraa ala maallaqa daddabarsuu fi sobuudhaan” mootummaa Yunaayitid Iseets irratti shiran – jechuun har’a himannaan irratti dhihaatee jira.

Kanneen Raashiyaan dhimma filannoo Yunaayitid Isteets keessa harka galfachuu ishee qorataa jiran – qorataa addaa – Roobert Muuler tu Manafoortii fi gargaarsaa isaa daldalaa – Riik Geets irratti har’a himannaa dhiheessan. Dhimmi isaa ka kallattiin filannootti hidhaqa qabu ta’uu dhaa baate iyyuu, qorannaa baatiilee shaniif geggeessan keessatti yeroo duraatiif jarreen lameen kana himatan – qoraftichi addaa – Muuler.

Maanfoortii fi Geets, deemsa himannichaaf, Biiroo Qoranaa Federaalaa – yokaan FBI-tti ka dhihaatan yoo tahu, booda mana-murtii federaalaatti dhihaatu jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG