Siriyaa Kaaba Dhiyaa keessatti Kamiisa kaleessaa humnootiin imala addaaf bobba’an haleellaa gaggeessaniin hogganaan garee shoroorkaa Islaamiik Isteetes jedhamu ajjeefamuun gabaafamee jira. Abu Ibraahiim al-Quraahii akka hin qabamneef jecha ofii isaa fi maatii isaa galaafatee.
Kunis mana isaa isa Siriyaa Kaaba dhiyaa keessatti keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, prezidaant Baaydiin whaayit Hawuus irraa haala ture hordofaa turan.
Shoroorkeessaan kun jedhan Baaydiin ijoollee isaa dabalatee maatii isaa ofitti marsee turuu waan filateef, samii irraa haleeluu manna jennee humnootii addaa lubbuu isaanii du’aaf dabarsanii ennan ergine jedhan.Kanas kan filannee lakkoobsa siviloota midhamanii xiqqeesuuf jedhan.
Siviloonnii gamoo sana keessaa akka ba’aniif gaaffii dhiyaateen abbaa warraa fi haatii warraa ijoollee 4 qaban gara gadiiti nagaan ba’u kan ibsan aangawoonni Amerikaa, kunis gamoo sana gara gubbaa irraa dhohinsii edeeda gamoo sana cabsee ba’e ituu hin dhaqqabiin ture jedhu.
Prezidaant Baaydiin akka jedhanti tarkaanfii abdii kutannaa fi boodatti hafaa fudhateen lubbuu maatii ofii fi kanneen biroo gamoo sana irra jiraataniif ituu hin gaddiin uffata dhukaatootaan guutamee gargaaramuun otoo hin taanee dhuka’aadhaan, gamoo sana darbii sadaffaa barbadeessuun yakka hojjateef seera duratti akka hin dhiyaanne taasisee jedhan.
Dhohiinsii sun guddaa waan tureef jecha reeffii namaa gamoo sana biraa qilleensa keessa darbatamaa ture kan jedhu waraanni Ashaaraa fi qorannaa DNA gaggeeffame Qurashiin fi haatii warraa akkasumas ijoollen isaanii lama ajjeefamuu mirkaneessee jira.