Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Milishaa Libiyaa Keessatti Ajjeefame


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Hogganaa Milishaa kan Yunaaytid Isteets siviiloota ajjeesee jechuun uggura irra keesse humnootii isa qabuuf yaalii godhan waliin dhukaasa banameen ajjeefamuu aangawoonni Libiyaa beeksisanii jiru.

Angawoonni kun Kibxata kaleessaa akka jedhanti, Waraannii mana jireenyaa Mohammad Al-Kaanii kan magaala Beengaazii keessaa seenuun siviiloota ajjeesuu yakka irratti dhiyaate sanaaaf ajaja akka hidhamuuf ba’e itti kennuuf turan.

Angawoonni Libiyaa fi Yunaaytiid Isteetes akka jedhanti, waggaa dabree namoota magaala gama dhiyaa taatee Tarhunaa kan Tripoolii irraa gama kibba dhiyaatti fageenya kilo meetra 65 irra jirtu keessatti ajjeefamanii hedduun isaanii bolla guddaatti awwalaman sanaaf Al-Kaaniin itti gaafatamaa dha jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:51 0:00
More
XS
SM
MD
LG