Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Waraana Sadarkaa Olaanaa Kan Sudaan Angootti Ka Cichan Fakkaatu Jedhame 


Ajajaan waraana Sudaan  kan sadarkaa olaanaa Jeneraal Abdel Fattaah , Onkoloolessa 26, 2021.
Ajajaan waraana Sudaan  kan sadarkaa olaanaa Jeneraal Abdel Fattaah , Onkoloolessa 26, 2021.

Ajajaan waraana Sudaan kan sadarkaa olaanaa Jeneraal Abdel Fattaah Burhan kaawunsilii haaraa biyyatti bulchuu har’a ennaa muudan ofiis aangoo hoggantummaa qabatanii jiru.Torban lama dura waraanni biyyatti mootummaa sivilootaan hogganamuu aangoo irraa eega buusee booda yoo ta’u, kunis aangoo eega qabatee booda, dabarseen aangawoota siviilitti kenna jechuun waadaa seenee faallaa ta’e jira.

Tarkaanfiin kun akkaan yaaddeessaa dha kan jedhan dubbii himaan Tokkummaan Mootummootaa Steefan Juuriik ariitii danda’ameen gara ce’umsaatti akka deebi’uu feena .Kana mlaees hidhaa mana keessaa jala kan jiran mummichi ministeeraa Abdallaa Haamdook akkasumas, namoonni siyaasaa fi hogganoonni hidhaman akka gadhiifaman feena jechuun oduu gabaastotaaf ibsan.

Fonqoolchi mootummaa eega gaggeeffamee as Haamdook fi aangawoota mootummaa akkasumas hogganoota siyaasaa kanneen biroo 100 caalaatu hiriirtootaa fi qabsaa’oota dabalatee hidhame.

Manni murtii iddotti haa deebi’uu jedhee ajajuus, Tajaajilli Intarneettii akka citeetti jira.Kaawunsilii haaraan biyyatti gaggeessuuf muudamee kun hogganaa jajjabee kan ta’an Mohammad Dagaaloo itti aanaa Burhaan gochuun, jeneeraalonni ka biroon 3 kanneen kaawunsilii duraanii keessa turan keessatti argamu.Kana malees siviloonni 8 keessa jiran.

Golli naga eegumsaa Kamiisa kaleessaa haala kana irratti cufataan kan mari’atee yoo ta’u, hogganaa imala Sudaan kan Tokkummaa mootummootaatu Kaartum irraa ibsa kenne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG