Xurree ittiin seenan

Breaking News

prezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskii waliin


Prezidaantiin Firaans Amanu’eel Makiron prezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskii waliin, Yukireen, Guraandhala 8, 2022
Prezidaantiin Firaans Amanu’eel Makiron prezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskii waliin, Yukireen, Guraandhala 8, 2022

Prezidaantiin Firaans Amanu’eel Makiron wixaata kaleessaa prezidaantii Raashiyaa Bilaadimiir Putiin wajjin ergaa marii taasisanii boodaa ,qibxata har’aa prezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskii waliin akka wal arganii dubbatan gabaasameera .

Mooskoo keessatti Prezidaant Putiin wajjin kan marii taasisan Prezidaantiin Fraans marii isaani boodaa , Awurooppaan karaadhaa fi mala barbaachuun Raashaadhaa wajjiin Awuroopaa egerii ijaaruu akka qabdu dubataniiru. Itti dabaluudhaanis,

Lammafaa, Raashaan Awuroopaadha. Kana irratii Prezidaant Putiin wajjin waan walii gallu natti fakkaata. Kan Awuroopaatti amanu Awuroopaadhaa fi Awuroopaawota egeree ijaaruudhaaf akkaataa Raashaadhaa wajjin Ojjatamuu qabu irratti falaa fi karaa barbaachuu qaba. Kun ojii salphaadha? Miti. Garuu akkaataa Awuroopaan itti ijaaramte akkaataa dhukubaqabeesse hin taaneenii? bu’ii battalatti argameenii?

Emanu’eel Makiroon marii Bilaadimiir Putiin waliin taasisan keessatti yaadin hedduun maduu danda’uu isaa dubbachuudhaan alatti addaan baasani wantii himan akka hin jirre gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG