Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganni Yunaaytid Isteetes Foyya’uun Ibsamee Jira


Pirezdaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baayden
Pirezdaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baayden

Ga’uumsa hoggana Yunaaytiid Isteetes keessaa kan ilaaleen yaadii uummataa biyyoota 50 ta’an keessatti funaanamee akka agarsiseetti, biyyattiin Bulchinsa prezidaant Baayden kan baatilee darban 6 keessatti, deebi’ee foyya’uu isaa agarsiisee jira.

Dhaabbatii Gaalap jedhamu bara 2020 bulchiinsa prezidaant Traamp jalatti qorannaa biyyoota 108 keessatti gaggeesseen hogganni Yunaaytid Isteets 100 keessaa gara harka 30tti gad bu’u isaa agasiisee ture.Sana booda amma foyya’uu isaa gabaase.

Kaampaaniin waashigtan Dii Sii (DC) keessa maadheeffatee fi xiinxala gaggeessuu Gaalap akka jedhutti, odeeffannoon bara keessa jirru 2021 funaanamee kan hin dhumne yoo ta’u, garu biyyoota 46 kan odeeffannoon isaanii dhaqqabe keessatti , baatii Hagayya jalqabaa kaasee hoggansii Amerikaa 100 keessaa harka 49%n foyya’uu isaa agarsisee jira.

Biyyoota ga’uumsii hogganna isaanii gad bu’u yaadii uummataa garsisee sadii Raashiyaa Sarbiyaa fi Beeniin ta’uun ibsamee jira.

Raashiyaa keessatti harka 18 kan ture gara harka 13tti, Sarbiyaa keessatti harka 20 kan ture gara harka 16 akkasumas, Beniin keessatti harka 54 kan turee gara harka 50tti gad bu’u ibsee jira.

Biyyoota Awuroopaa hedduun akka jedhanti, hogganni Yunaaytid Isteets isa bara 2020 irraa barana jechuun 2021 foyya’uu isaa ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG