Hoggantoonni kun daawwannaa isaanii isa dhumaa ji’a Waxabajjii keessa taasisaniin, dinagdee Tuuniziyaa raafamaa jiru baraaruuf akkasumas, daangaa ishee haala gaariin eegsisuun tasgabbii ishees iddootti deebisanii godaansa gama sanaan dhufu dhaabuuf jecha, gargaarsa maallaqaa Yuuroo biiliyoona 1 ol akka kennan waadaa kan galan yoo ta’u, kunis qarqara galaanaa Tunisiyaa irraa imala gara Awurooppaatti geessu dhaabsisuuf ta’a.
Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa, Muummee Ministirri Xaaliyaanii fi Muummee Ministirri Nezerlaand, pirezidaantii Tuuniziyaa waliin mari’atanii booda ibsa kennaniin, maallaqaa gargaarsa Gamtaa Awurooppaa Tuuniziyaadhaaf dhiyeesse gad fageenyaan hin ibsine.
Garu, tarkaanfiiwwan bal’aa amma saffisaan hojiirra oolchuuf” waliigaltee walii gala irra geenyeerra jedhan. Gamtaan Awurooppaa Tuuniziyaa waliin farra daddabarsa seeraan alaa irratti kan hojjetu yoo ta’u, hojii barbaacha fi baraarsa godaantootaa irratti qindoomina hojjachuu kan dabalu yoo ta’u, gamnii lachuu bulchiinsa daangaa irrattis tumsuuf waliigaluun isaanii ibsamee jira.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa amma waliigaltee kana raggaasisuu akka qaban ibsuun, deeggarsi bal’aan akka jiraatu amantaa baay’ee qabna jedhu.
ap/jg/tg/dw
Forum