Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonni Ittisaa Biyyoota Afrikaa 30 Gahanii Botswaanaa Keessatti Walga’uuf Jiru


FAAYILII - Jarman, Fulb. 5, 2019.
FAAYILII - Jarman, Fulb. 5, 2019.

Yunaaytid Isteetis torban dhufu Botswaanaa keessatti konfiraansii qondaaltota ittisaa olaanoo kanneen guutuummaa Afrikaa irraa dhufan gaggeessan, kannen keessummeessuun waliin akka keessummeessitu Embaasiin Yunaaytid Isteetis inni Gaborone jiru ibsa baaseen beeksisee jira.

Warra haasawaa dhageesisanii fi waraqaa dhiyessuuf jiran keessa, qondaaltota olaanoo siiviilii fi waraanaa akka jiran, dubbi himaan waaltaa Ajaja waraana Yunaayitid Isteetis Afrikaa keessaa qabdu ykn AFRIIKOM Letenaal Komaandar Boobii Dikson himaniiru.

Kaayyoon walgahichaas qormaata nageenyaa ariifachiisaa ardii Afrikaa irratti mul'atu furuu fi Afrikaa nageenya qabduu argamsisuuf karaa itti waliin hojjetan barbaaduudha.

Kunis, Tattaaffii farra shororkeessummaa irraa kaasee hanga doorsisa saayibarii fi ergama nagaa eegsisuutt, konfiraansiin kun of keessaa qabaata. Ogeeyyii fi hoggantoonni waraanaa hubannoo, tarsiimoo fi tumsa dandeettii ittisa waloo Afrikaa hundaaf cimsu ni uumu. Kun konfiraansii qofa osoo hin taane ardii Afrikaa eeguu keessatti mala tokkummaaf tarkaanfii guddaadha jedhan”

AFRIIKOM akka jedhutti walgahiin kun milkaa'ina konfiraansii kanaan duraa irratti kan ijaaramu ta'a. Walgahiin bara darbe Xaaliyaanii magaalaa Roomitti geggeeffame irratti hirmaannaa olaanaa kan hawwate yoo ta’u, biyyoonni 43 irratti hirmaatan.

Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenyaa Piriitooriyaa keessatti,Haayyuu saayinsii siyaasaa Jakkie Cilliers akka jedhanitti Afrikaa qormaata walduraa duubaan akka mudatu ifaadha. Moodeelli Yunaaytid Isteetis dhiheessitu Afrikaaf kan mijatu ta’uun isaa yeroo hunda ifa miti jedhan.

Ji’a Bitooteessaa keessa walgahii Mana Maree Nagaa fi Nageenyaa hordofuun, Gamtaan Afrikaa dha’icha waldhabdee ardii kana keessatti mul’achaa jiruu fi dhiibbaa isaan guddina hawaasa-dinagdee irratti qaban irratti “yaaddoo guddaa” qabu ibseera.

Forum

XS
SM
MD
LG