Dinagdeen Afriikaa wayita inni investmentii biyyootii alaa hawwataa jiruu fi babal’ataa adeeme kanatti Ms Clinton dubartoota daldaltoota ardittii gargaaruuf tattaaffiin itti dabalaa godhamuu qaba jedhan
Biyyi mami iyyuu uumati isaa walakaan boodatti hafee kan milkaa’e hin jiru. Daldalli giddu galeessaa fi xixqqoon kan dubartootaan hoogganamu guddina dinadeef qooda guddaa qabaachuu isaaf ragaa qabatamaatu jira.
Kiliinton wayita torban kana Africa daawwatan dubartoonni duroomuun bu’aan isaa fayyummaa fi barnoota ijoollee fooyyessuuf gargaara jechuu dhaan hoogganoota daldaltootaa fi mootummaaf ibsaniiru. MP3 tuquun gabaasa guutuu dhageeffadhaa