Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Itiyoo Telekoomiin Hanga Tokko Gara Kampanii Dhuunfaatti Dabarsuu Jalqabame


Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed dinagdee biyyattii akkaan cufataa ta’e hiikuuf karoora qaban keessaa tokko Itiyoo telekoomiin hanga tokko gara dame dhuunfaatti jijjiiru isa jedhu adeemsa isaa har’a labsitee jirti.

Labsiin kun kan dhaga’ame lammiiwwan Itiyoopiyaa Waxabajjii 21 gara wiirtuu filannoo dhaquun sagalee kennuuf guyoonni xiqqoon hafanii ennaa jiranitti yoo ta’u mormii farra mootummaa waggootaaf geggeessamaa ture booda kan bara 2018 aangootti dhufan , muummichi ministeeraa Abiy filannoo injifachuuf deggersa uummataa barbaadaa jiranitti.

Ministriin maallaqaa akka jedhetti mootummaan qooda Itiyoo telekoom dhibba irraa harka 40 gurguruuf ibsa fedhii isaa beeksisuuf qophee dha jedheejira. Ibsi fedhii Waxabajjii 15 bara 2021 kennamuun investeroonni addunyaa Afriikaa keessaa telekoomii guddicha kan ta’e Itiyoo telekoomi keessaa qooda qabaachuuf fedhhii akka qaban kan mul’ise dha jedha ibsichi. Adeemsi kun boqonnaan lammataa banamuu isaa dura, abbootiin qabeenyaa caal baasii isaanii dhiyeeffachuuf guyyoota 30 qabu.

Mootummaan Itiyoo telemoom banaa taasisuun maamiltoota miliyoona 44 kan qabuu fi daran dorgomaa fi bu’ a qabeessa isa taasisa jedhamee jira.

Qofaa ofii dame kana to’achuu dhaabuuf, Itiyoopiyaan waggaa kana kampaniiwwan telekominikeeshinii dhuunfaaf caalbaasii bantee jirti.

Xumura baatii Eblaatti, Safaariikoom keeniyaan kan hoogganamu gamtaa tokkoof kan kenname yoo ta’u, doolaara miliyoona $850 dhiyeessuu dhaaan waggoota 10 oliif waggoota 10 keessatti immoo doolaara miliyoona 8.5 investii gochuuf waadaa seenuu isaa angawoonni beeksisaniiru. Caal baasiin inni lammataa immoo MTN kan Afriikaa kibbaan kan dhiyaate yoo ta’u, gad aanaa waan ta’eef kufee jira.

Eeyama ka biroof dhiyeenya caalbaasiin kan ba’u ta’uu abbaan taayitaa kominikeeshinii Itiyoopiyaa beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG