Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjatonni Gargaarsaa Sudaan Kibbaa Keessatti Qabaman Gadhiifaman


Torban darbee Suudaan Kibbaa keessatti butamanii ka fudhataman hojjattonni gargaarsaa 10 gadhiifamuu koreen fannoo dimaa kan addunyaa beeksisee jira.

Jarmayaan fannoo dimaa ibsa baaseen hojjattoota kurnanuu lammiwwan sudaan kibbaa ta’an xayyaaraan magaala Yei cinaa fudhuun har’a Jubaa geessan.

Garee SPLM jedhamu irraa Lam Paul Gabriel garee isaanii hojjattoota gargaarsaa kana Roobii darbee qabee hidhuu ibsan. Hojjatonni kun Gara yei ituu hin dhufiin dura garee keenyatti waan beeksiisan hin qaban jedha. Jaarmayaan fannoo dimaa akka jedhutti geejibaan gargaaruun ala gadhisiisuuf maanguddummaa gaggeeffamee keessaa harka hin qabu.

Waajirri gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa mootummotaa ykn OCHAn Roobiid darbee hojjatoonni isaa eessa buteen isaanii dhabamuu fi tarii butamanii fudhatamuu malu jechuun gabaase.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG