Hojjattonni warshaa sukkaaraa wanjii 5 torban tokkoof iggitamanii eega turanii booda, jimaata dabree ajjeefamanii argamuu isaanii maatiin isaanii ibsanii jiru.
Jimaata Guraandhala 29 bara 2016 kokolaataa tokkoon hojiif ooyruu shonkoraatti qajeelaa namoota turan keessaa, 6 iggitamanii warri kaan galiin isaanii gad aanaa dha jedhamee gadhiifaman jedhu kanneen yaada isaanii kennan.
Namoonni iggitaman 6 tokkoon tokkoon isaanii qarshii kuma 600 akka baasan eega gaafatamanii booda, duddubatamee walii galaan qarshii kuma 300 akka kennaniif irratti murtaa’ee.
Ta’uus garu maallaqa kana walitti sassaabuun hidhattoota iggitaniif kennuuf yeroo jedhamutti, polisiin gidduu seenee maallaqnii kun akka hin kennamnee gochuu isaa, maatiin namoota iggitamanii sagalee Amerikaatti himanii jiru.
Sababaa kanaan, hidhattonni kanneen iggitanii turan 6 keessaa shan ajjeesuu isaanii, inni hafee sun eessa buuteen isaa kan hin beekamne ta’uun ibsameera.Kanneen iggitaman hunduu dhiiroota ta’uun ibsamee jira.
Haala kana ilaalchisee bulchiinsa godiina shawaa bahaa irraa akkasumas itti gaafatamaa dhimmootii kominikeeshiinii godiinichaa irraa yaada argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum