Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjattoota Koo Ajjeefaman Irratti Waan Dhaga’ame Hin Jiru: MSF


FAAYILII - Loogoo dhaabbata Mediisin sans Frontiyeers (MSF)

Hojjattoota keenya kan turan Mariyaa Tedroos fi Yohaannis eega ajjeefamanii baatii 6 booda har’a illee waa’een ajjeechaa isaanii wanni ibsamee hin jiru jechuu gareen wal’ansa fayyaa Mediisin sans Frontiyeers (MSF) jedhamu ibsa baaseen beeksisee jira.

Amajjii 24 bara 2021 shofeera keenya kan turee fi umriin 31 kan ta’e Tedroos Gabra Maariyaam, qindeessitu haala hatattamaa Maiyaa Hernandeez umriin 35 akkasumas, gargaaraa qindeessaa kan turee fi umriin isaa 32 kan ta’e Yohaannis Halefoom Raddaa, bulchiinsa naannoo Tigraay keessa konkolaataan imalaa ennaa jiranti, qunnamtiin isaan waliin qabnu cite jedha ibsii ba’e.

Waxabajjii 25 kokolaataan isaan ittiin deemaa turan duwwaan isaa akkasumas reeffii isaanii meetra 100 hanga meetra 400 konkolaataa isaanii irraa fagaatee argamuu beeksisee jira.

Madaan qaama isaanii irraa akka agarsiisuutti, dhiyoo irraa rasaasaan irra deeddebi’uun rukutamuu isaanii agarsiisa jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG