Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maask "Tiraamp USAID Cufuuf Walii Galeera," Jechuun Booda Hojjettoonni USAID Waajjira Muummee Waashingitan Akka Hin galle Itti Himame


FAAYILII - Waajjira Muummee Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa kan Yunaaytid Isteetis, USAID, Waashingitan,
FAAYILII - Waajjira Muummee Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa kan Yunaaytid Isteetis, USAID, Waashingitan,

Hojjettoonni Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa kan Yunaaytid Isteetis, USAID waajjira muummee Waashingitan akka hin seenne Wiixata har’a itti himamee jira. Akka beeksisa isaaniif raabsameetti, erga Dureessichi Elaan Maask Prezidaant Doonaald Tiraamp dhaabbaticha cufuuf isa waliin waliigaluu isaanii beeksisanii booda.

Hojjettoonni USAID akka jedhanti, hojjettoota 600 ol ta’an halkan tokkotti sirna ykn caasaa kompiitara dhaabatichaa itti cufamuu isaanii erga gabaasanii booda ta’u himaniiru.

Namoonni ammallee caasaa kana keessa jiran "kallattii hoggansa Ejensiitiin" gamoo waajjira muummee "Wiixata Fulbaana 3 hojjettoota Ejensichaaf ni cufama" jedhu iimeelii argataniiru.

Haalli kun kan dhufe erga Maask, waliigaltee pirezidaantii Rippabilikaan waliin gamaaggama siiviilii addaa mootummaa federaalaa irratti geggeessaa jiruun, Wiixata har’a ganama waa’ee dhaabbata gargaarsaa fi misoomaa Yunaaytid Isteetis kan waggoota kurna jahaaf ture Tiraamp waliin haasa’uu isaanii fi “cufuu akka qabnu walii galeera” jedhanii booda ."

Maask, Traamp fi miseensonni mana maree Rippabilikaanotaa hangi tokko dhaabbata gargaarsaa fi misoomaa kan Yunaaytid Isteetis kan sagantaalee gargaarsa namoomaa, misoomaa fi nageenya biyyoota gara 120 keessatti gaggeessuu jechoota cimaa ta’een irratti xiyyeeffachuun kaayyoo kanneen haala jiru ilaalanii adeeman ykn liberaalummaa guddisaii gaggeessuu jechuun himataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG