Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoota Eegumsa Fayyaa: Dho’iinsi Gabaa Tigraay Keessatti Lubbuu Galaafate


nama haleellaa geggeeffamen midhame, Waxabajjii 23, 2021
nama haleellaa geggeeffamen midhame, Waxabajjii 23, 2021

Magaalaa Maqalee dhiyaatti kan argamu magaala Togogaa irratti kaleessa waaree irratti boombiin dho’uu isaa kanneen ijaan argan dubbataniiru. Dho’iinsi boombii sun xayyaaraan darbamuu isaa ykn bakka gabaatti madfii dhukaasameen ta’uu gabaasaalee wal dha’antu jiru.

Ogeessonni eegumsa fayyaa naannoo akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni 43 yoo du’an kanneen 12 ta’an immoo madaa’aniiru. Loltoonni Itiyoopiyaa ambulaansiin bakka haleellaan sun itti raawwate akka isaan hin dhaqqabne dhorkuu isaanii hojjettoonni eegumsa fayyaa dubbataniiru. Dubbi himaan waraana Itiyoopiyaa koloneel Geetinnet Adaanee, ambulaansiin akka hin dabarre dhorkame ka jedhu haaluu isaanii Rooyiters gabaasee jira.

Ajajaan waraana humnootii ittisa Itiyoopiyaa jeneraal Birhaanuu Juulaa waraanni beekaa bakka gabaa haleele ka jedhu haalanii jidran. haleellaan gareelee hidhatan irratti kan fuuleffate jedhaniiru.

Waraanni Itiyoopiyaa TPLFn aangoo irraa darbuuf baatii Sadaasa keessa erga duula jalqabee qabee Tigraay lola keessajirti. Waraanni Eertraa lola TPLF waliin jiru irratti loltoota Itiyoopiyaa deggeraa turan. Erga lolli sun jalqabee qabee uummanni kumaan laka’amu yoo ajjeefamu kanneen miliyoona lama ta’an ka biroon immoo qe’ee irraa baqataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG