Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettuu Dhaaba Tika Nagaa Somaaliyaa As Buuteen Dhabame Ilaalchisuun Qorannaa Geggeessamu Dhaabbatichi Dhaabsisee Jira


Dubartiin angawaatuutuu dhaaba tika nagaa Somaaliyaa Ikran Tahlil dhabamuu ilaalchisee qorannaan jiru, erga dhaabbatichi qorannaa geggeessamu mana murti waraanaan ittisee booda danqame jiraachuu angawoonni mootummaa lamaa fi ogeessi seeraa Somaaiyaa tokko dubbataniiru.

Dhimma qorannaa sanaa ilaalchisee akka dubbatan eeyama dhabuu isaanii maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan angawoonni murtii haqaa fi dhaabbata tika nagaa, ejensii mootummaa alaa qorannaa akka hin geggeessine hin eeyamnu jechuu isaanii beeksisan. Guyyaa angawaatuun kun itti dhabaman agarsiisus hin argamne jechuun dhaabbatichi beeksisee jira.

Angawoonni murtii haqaa akka jedhanitti dhaabbati tika nagaa qorannaa ofii isaa ni geggeessa.

Faraan Waxabajjii 26 ganama sa’a 8:3 irratti waajjira haadhoo kan tika nagaa biyyattii keessaa ba’anii gara mana ofiitti deemaa turan.Erga sanaa qabee as buuteen isaanii hin beekamin jiru. Komputerri lap taappii fi bilbilli isaaniis hin argamin jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG