Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongee Naannoo Somaalee Mudateef Qarshii Miliyoona 70 Ramaduu Naanncihi Beeksise


FAAYILII - Beeladoota ongeedhamiidhanan, naannoo Somalee

Mootummaan naannoo Somaalee hongee dhaqaabe ittisuuf kan oolu qarshii miliyoona 70 ramadee jira. Kaabineen mootummaa naannoo sanaa torban darbe kan “Gu’ jedhamuun beekamu roobi arfaasaa roobii jalqabuu isaa ega beeksisee booda wal ga’ii isaa duraa gegeessee jira.

Haalli rooba sanaaf bakk inni waliin ga’e bakkaa bakkatti adda adda yoo ta’u, ammas deggersi itti dabalaa kan barbaachisu ta’uu ibsee jira.

Itiyoophiyaan dhiibbaa hongee mudate dura akka dhaabattuuf michoonni sadarkaa addunyaa gargaarsa maallaqaa gumaachan dabalaa jiran.

Ji’a darbe jarmayaan gargaarsa misooma addunyaa kan Yunaayitid Isteetis USAID, Itiyoopiyaa bakka uummanni miliyoona 6.2-tti hedaman hongee dhaan dha’amaniif bara 2022 keessa gargaarsa nyaataa hatattamaaf kan oolutti dabaluu dhaan gargaarsa doolaara miliyoona $39 gumaachuuf murteessu isaa beeksisee jira jechuun Addis Chekol gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG