Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Somaaliyaa Miliyoonaan Kanneen Laka’aman Beelaaf Saaxiluu Mala Jedhame


Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti, uummata Somaaliyaa miliyoona 7.7 tu gargaarsa barbaada
Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti, uummata Somaaliyaa miliyoona 7.7 tu gargaarsa barbaada

Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti, uummata Somaaliyaa miliyoona 7.7 jechuun walakkaan uummata biyyattii bara 2022 keessa gargaarsa namoomaa fi eegumsi kan isaan barbaachisa.

Kanneen keessaa kan akkaan saaxilaman uummata miliyoona 5.5 ta’u gargaaruuf kan oolu gargaarsa doolaara biliyoona $1.5 gaafatee jira gabaasa Lisa Schlein Tujubetu dubbisa.

Weerarri COVID-19 dhiibbaa inni hawaasummaa fi dinagdee irratti fide dabalatee, walitti bu’iinsi kurnaawwaniif ture, jijjiiramni qilleensaa irra deddeebi’uun mudatu, weerari dhukkubootaa fi hiyyummaan hammaataa adeeme Somaaliyaa keessaa jireenya namaa fi qabeenyaa fi lubbuu namaa miidhee jira.

Beela hamaaf saaxilamanii jiru. Roobi waggaa sadii walitti aanuuf waan hin robin hafeef hedduun qarqara afaan beelaa jiru. Somaalitaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa Adam Abdlmoula akka jedhanitti kutaaleen biyyattii dhibba irraa harki 80 hongeen dha’ameera. Moqadishoo irraa gama viidiyoon VOAf ibsa kennaniin uummanni 169,000 bishaan, nyaataa fi beeladalee isaaniif marga dheedichaa barbaacha qe’ee isaa dhiisee godaaneera jedhan.

Hongeen Somaaliyaa Miliyoonaan Kanneen Laka’aman Beelaaf Saaxiluu Mala Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG