Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Waliin Mari’achuuf Qophaa’eera Jedhan Traamp


Prezidaant Doonaald Traamp qophee isaanii kan marii torban dhuftu hoogganaa Kooriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin geggeessaniif umurii koo guutuu qophaa’an tur jechuun har’a tuuta oduuf ibsa kennan.

Gumii biyyoota G7 kan Qubeek keessaaf Washingtonii utuu hin ka’in dura prezidaantichi akka jedhanitti Kim waliin Waxabajjii 12 utuu wal hin argin dura hojii hedduu xiinxalan of duukaa fudhatanii kan deeman ta’uu illee Traamp dubbataniiru.

Prezidaant Traamp ofuma isaanii waa’ee qophee godhanii mariin akka godhamu tuqatanii ennaa tuuta oduuf ibsa kennan, marii sanaaf qophaa’eera, garuu baay’ees qophaa’uun na irra hin jiraatu jedhan. hojiin akka hojjetamu yoo barbaachise dhimmi isaa dhimma fedha agarsiistuu ti jedhan.

Bulchiinsi Traamp odolli Kooriyaa nuklelra irraa guutummaan akka qullaa’u barbaada. Kun taanaan Pyongyang immoo uggura sadarkaa addunyaa irraa walaba ta’uu barbaada jedhamee amanama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG