Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Kooriyaa Kibbaa Marii Nukleraa Ilaalchisee Haala Uggura Kaa’u Hin Mul’isne Jedhan


Prezidaantin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in Kooriyaan Kaabaa gumii isaaii fi Prezidaan Doonaald Taamp waliin uggura meeshaa nukleraa ilaalchisee jiru irra dhiibbaa hin ka’an jedhan.

Moon hogganoota daldala ol aanaaf Seol keessaaf akka ibsanitti Ameerikaan loltoota ishee kooriyaa Kibbaa keessaa baasuu hin simattu yaada jedhu kooriyaan kaabaa hin kaasne jedhan. kan isaan jedhan qofti kooriyaa kaabaa dubbiin barbaaduun haa dhaabatu ka jedhu jedhan.

Moon akka jedhanitti meeshaa nukleraa hiikkachuu inni jedhu Kaabaafis haa ta’u kooriyaa kibbaaf hiika addaa qaba jedhee hin yaadu. Kooriyaan kaabaa nuklera hiikkachuuf fedhii guutuu argamsiisaa jirti jedhan.

Koriyaa lamaan gidduutti mariin geggeessamu hanga gumii Ebla 27tti hoogganaa kooriyaa kaabaa Kim Jong Un waliin itti fufuu qaba, gumiin kaabaa fi US gidduuf garuu yeroon hin muramin jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG