Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Mormituu Siyaasaa Zimbaabuwee Hookkara kakaasuu fi Ba’ii Filannoo Seeraa Aa Labsuudhaan Himataman


Hoogganaan mormituu siyaasaa Zimbaabuwee Tendaa’ii Biitii gara mana murtii yeroo seenan
Hoogganaan mormituu siyaasaa Zimbaabuwee Tendaa’ii Biitii gara mana murtii yeroo seenan

Hoogganaan mormituu siyaasaa Zimbaabuwee – Tendaa’ii Biitii, har’a mana-murtiitti Zimbaabuwee duratti dhihaatanii, hookkara kakaasuu fi ba’ii filannoo seeraa ala labsuudhaan himataman.

Abukaatoon Mr. Biitii, Zaambiyaan maammila isaaniif dahata siyaasaa kennuu diduudhaan gara Zimbaabuweetti deebisuu ishee duraan dubbatanii turan.

Abukaatoon Biitii – Gibert Fiirii akka jedhanitti, poolisiin Zimbaabuwee, har’a, Zaambiyaan ajaja manni-murtii akka Biitiin gara biyya isaaniitti hin ergamne dabarse diduudhaan poolisii Zimbaabuweetti dabarsitee kennite.

Jaarmayaan dhimma Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – UNHCR ibsa baaseen, Zaambiyaan Mr. Biitii dahata dhowwatee gara biyya isaaniitti deebisuu ishee dhaga’uu isaatti kan gdda tahuu dubbatee, “gochaan kun seera sadarkaa Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa cabsuu dha.” Jedha.

Hoookkara dhiheenya kana, filannoo biyyoolessaa tii booda Zimbaabuwee keessatti belbelee ture kanneen kakaasan – jechuudhaan, namoota siyaasaa garee mormituu – kan Sochii Jijjiirama Dimookiraasummaa poolisiin Zimbaqabuwee qabuuf barbaadu keessaa – Tendaa’ii Biitii tokko.

Prezidaant Emerson Minaangaaguwaa injifachuun labsamuu isaa dura, Biitiin, tuta gaazzexeessotaa waamuudhaan, hoogganaan MDC – Nelsen Chaammisaa injifatan – jechuun labsanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG