Godaantonni Yunaayitid Isteetis keessaa ari’amuuf karoorfame hedduun Kibxata kaleessaa bakka tursiisaa Kuubaa Guwaantanaamoo Beey keessatti argamu kan hordoffii ministeera ittisa Ameerikaa Piit Hegset jala seenaniiru.
Heegset, waa’ee deeggarsa waraanni, kan Washingiten jumlaan godaantota biyyaa ari’uuf taasisu hubachuuf buufata humna galaanaa Yunaayitid Isteetis daawwachaa kan ture yoo ta’u, xiyyaarri fe’umsaa Yunaayitid Isteetis tokko akka bu’u arguu dhaan miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii jiran
Dhaabbilee Yunaayitid waliin ta'uun warra seera biyya isaanii cabsan biyyaa baasuuf hojjechuu isaaniitti akka boonan dubbataniiru.
Qondaaltonni ittisa Yunaayitid Isteetis lama VOAf akka himanitti, xiyyaarri C-130 jedhu godaantota sagal kan Teeksaas magaalaa Fort Biliss irraa fe’ee ture Kibxata walakkeessa guyyaa Guaantanamoo Beey akka qubate, sagalan isaanii iyyuu godaantota seeraan alaa nageenyaaf balaa ta’an akka ta’anitti fudhatama jedhan.
Qondaaltota kunneen keessaa tokko akka jedhetti xiyyaara irraa gara bakka tursiisaatti geeffamanii, achitti eegumsa jala akka turan himaniiru.
Qondaalli sadaffaan VOAf ibsa kennani immoo balaliin godaantota itti dabalaa fe’ee Roobii gamas bu’uuf beellamameera jedhan
Qondaaltonni martinuu waa’ee hojii biyyaa ari’uu dubbachuuf eeyama waan hin qabaanneef eenyummaan isaanii hin ibsamne.
Forum