Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Sudaan Kaleessa Yeroo Gabaabaaf Finfinnee Daawwatan 


Hoogganaan Sudaan kaleessa yeroo simataman, Finfinnee
Hoogganaan Sudaan kaleessa yeroo simataman, Finfinnee

Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook namoonni kurna kumaan laka’aman gara biyya hollaa Sudaanitti akka baqatan sababaa kan ta’e rakkooo naannoo Tigraay keessaa ilaalchisee mari’acuuf kaeessa yeroo gabaabaaf Finfinnee daawwatanii jiran.

Hamdook daawwannaa isaanii dura fuula tweeter isaanii irratti akka barreessanitti biyyoota obbolaa ta’an lamaaniif nageenya sabatiinsaa fi badhaadhina hegereef kan gargaaran dhimmootii yaaddessoo ta’an kan siyaasaa, mirga namaa fi nageenya ilaalchisee marii bu’aa qabu akka geggeessinu abdiin qaba jedhan.

Daawwannaan Hamdook duraan guyyoota lamaaf akka turu ibsamus sa’aatilee hanga tokko booda garuu gara Sudaanitti deebi’an. Dawwannaan isaanii maaliif akka adda cite waan ibsame hin jiru. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed lollli Tigraay keessaa dhaabateeraa, kanaaf jaarsummaa Sudaan kan lola dhaabinsaa hin barbaachisu jedhan.

XS
SM
MD
LG