Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganni Paartii EZEMA Adda Waraanaa Sadii Daawwachuu Beeksise


Koreen hoji raawwachiistuu paartii EZEMA bakka waraanni itti geggeessame adda waraanaa naannoo Affaarii fi Amaaraa sadiitti argamuu dhaan kutaa hawaasaa miidhaan irra ga’e jedhan daawwataa jiraachuun ibsamee jira. Dura taa’aan paartii EZEMA Yeshiwaas Asaffaa, duula waraanaa Itiyoopiyaa baraara jechuun ibsan martinuu deggeruu dhaan jiraachuu biyyaa itti fufsiisuuf yaadamee daawwannaa taasisamee dha jechuun VOAf ibsaniiru.

Haala buqqaatonni irra jiru irree hamaa ta’uu dubbatanii jiran.

Akkaataa deggersi itti kennamu fi dhugaa lafa jiru hubachuu fi carraa kan hin arganne ta’uu kan dubbatan dura taa’aan kun miidhaa namoomaa qaama murtaa’e tokkoon furuun hin danda’amu jedhan. Akka biyyaatti balaa nu mudate waliin taanee dura dhaabbachuu qabna jechuun erga dabarsaniiru.EZEMAn qaama hawaasaa miidhaan irra ga’e, maallaqaa fi meeshaalee adda addaa dhiyeessuun gargaaraa jiraachuu dubbataniiru. Paartileen morkattootaas adda addummaa isaanii boodatti dhiisanii biyya tokkoo fi akka nama tokkootti dhaabachuun isaanii isaan galateeffachiisa jedhan.

Haa ta’u malee murtaa’aa dha kan ittiin jedhan akka ilaalcha isaaniitti, duulli isun waaltaa ajajaa bifa hordofe akka qabaatu yaadachiisaniiru. Akkaataa ragaan itti qabamu qindoomina qabaachuu isaanii ennaa daawwannaa isaanii hubachuu illee tuqaniiru.

Hawaasi addunyaa kallattii dgoggoraa qabate irraa deebi’uu dhaan, haala yeroo Itiyoopiyaan keessa jirtu hubataa adeemuun gaarii ta’us, keessumaa biyyoonni humna qaban hangti tokko ejjenno isaanii sirrii hin taane akka sirreessan hojii cimaan hojjetamuu qaba jedhan. Hanga yeroo dhiyootti ragaa jiruun, sababaa wal waraansa sanaan uummati walakkaa miliyoonaa ol naannoo isaa irraa godaanee jira.

Gama biraan prezidaantiin naannoo Amaaraa Agenyoo Teshaager, gootota wareegama baasaa jiraniif mootummaan deggersa kan godhu ta’uu mirkaneessuu isaanii sabaa himaan naannoo sanaa gabaasee jira jechuun Mesfin Aragee gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG