Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Garee Mormituu Oromoo Baatii 4 Booda Yeroo Duraaf Yakka Ilaalchatti Dhiyaatan


Abbaan alangaa federaala Itiyoopiyaa ittia aanaa dura taa’aa warraaqsa federaalistii demokraatawaa Itiyoopiyaa obbo Bekele Gerbaa fi barreessaa waajjira congrresa uummata Oromoo obbo Olbaanaa Lellisaa dabalatee himannaa namoota sagal irratti dhiyaate mana muartii Federaalaa dhaddacha sadaffaaf dubbisaan dhageeissee jira.

Himatamtoota mara irratti himannaan dhiyaato tokkicha yoo ta’u kunis ergama adda bilisummaa Oromoo fudhachuu dhaan of ijaaranii paartilee polotiikaa seeraan hundeeffaman jala dadhachuu dhaan mootummaa qabsoo hidhannoon ni fonqolchina naannoo Oromiyaas qaama federeeshinichaatti addaan baafna jechuun kan hirmaataniif waan ta’eef yakka guddaa hojjetaniin tokkummaa siyaasaa fi abbaa biyyummaa biyyattii waan itti bu’aniif himatamaniiru jedha.

Dura taa’aan WAFDO Dr. Moggaa Firrisaa hawaasi Oromoo yakka ilaalchi kun lafa irra harkifamuu isaatti hedduu gaddee jira jedhan. Uummatichi hacuucameera, mirga isaa dubbachuu fi yaada ofii ibsachuu sarbameera. Kun immoo Oromoo mara irartti raawwataa jisra. Namoonni kun baatilee afuriif erga hidhamanii booda balleessaa qabduu moo hin qabdan jedhamanii gaafatmuun hacuuccaa Oromoo irratti geggeessamaa jiru mul’isa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG